Daldalli mobaayilaa oomishaa fi tajaajila dhiyeessuuf karaa meeshaa socho’aa akka bilbila ismaartii fi taabileetiiwwaniitti dhimma baha. Bara 2015 kanatti namoonni biiliyoona 6.6 ol ta’an bilbila ismaartii fayyadamu jedhamee eeggama. Kana jechuun omishaa fi tajaajila karaa dijitaalaatiin kennamuuf hordoffii fi too’annaa taasisuun bu’aa quubsaa akka fidu taasisuun ni danda’ama.
Daldala dijitaalaa karaa ergaa gabaabaa (SMS), appilikeeshiniidhaan beeksisuu, ergaa maaltiimiidiyaa fi bilbila harkaatiin weebsaayitiiwwan garagaraa fayyadamuun hojjachuun ni danda’ama.
Daldalli mobaayilaa amala fayyadamtootaa fi fedhii miidiyaa hawaasaa irratti hundaa’uun, akaakuuwwan beeksisa maxxansuu kan filatuudha. Fakkeenyaaf weebsaayitii irratti dhimma ta’e wayii toorarra yoo barbaaddan wantoonni gaafii keessan wajjiin wal-qabatan fuulduratti isiniif dhufu.
Daldala mobaayilaa akaakuuwwan daldala dijitaalaa biroo irraa adda kan isa taasisu, iddoo deeman hundattuu qabatanii socho’uun yeroo hundaa dalagaadhaaf mijataa ta’uu isaati. Argannoowwan hunduu yeroo dhufan hanqinoota wajjiin waan ta’aniif, hanqinoota kanneen keessaa rakkoowwan icciitii wajjiin wal-qabatan akka adda dureetti kaafamu. Daldalli mobaayilaa yeroo odeeffannoon amala maamiltootaa funaannamutti dhuunfummaan isaa mamii keessa waan galuuf akka miidhaatti qabameera.
Erga waa’ee daldala mobaayilaa hanga kana jennee, amma immoo gara akaakuuwwan daldala mobaayilaa haa ceenu.
1. Daldala SMS fi MMS – akaakuu daldalaa barreeffama gabaabaa fi ergaawwan maaltimiidiyaa dabarfachuuf bilbila fayyadamtootaa barbaaduudha.
2. Daldala teessoorratti hundaa’e – kunis akaakuu daldalaa idoo yookiin teessoo fayyadamaa irratti handaa’uun dalagamuudha.
3. Daldala appilikeeshinii irratti hundaa’e – inni kunis akaakuu daldalaa appilikeeshinii fayyadamtoonni yeroo beeksisaa fi wantoota haaraa daawwatan itti gargaaraman fayyadamuun hojiirra ooluudha.
4. Daldala karaa taphaatiin adeemsifamu – akaakuun daldalaa kun daldala appilikeeshinii irratti hundaa’een baayyee wal fakkaata. Haa ta’u malee ergaawwan barbaadu dabarfachuuf appilikeeshinii taphaa fi beeksisoota sosocho’an kan fayyadamuudha. Appilikeeshiin taphaa kun akka beeksisaatti yoo gadi lakkifamu miira fayyadamtootaa kan eeguu fi taphachuuf salphaa ta’uu qaba.
Daldala keessaniif mobaayila gargaaramuu yoo barbaaddan, tartiiba qabxiilee armaan gaditti tarreeffaman hordofuun barbaachisaadha.
1. Weebsaayitii Mobaayilaaf mijataa ta’e fayyadamuu
Yeroo weebsaayitii uumattan yookiin uumachuuf yaaddan, weebsaayitiin keessan mobaayila irratti taphachiisuuf mijataa ta’uu isaa mirkaneeffadhaa. Sababni isaatis daawwattoota weebsaayitii keessanii keessaa irra guddaan isaanii mobaayila waan fayyadamaniifi. Dabalataanis qabiyyeen ergaa isin weebsaayitii keessanirratti gadi lakkiftan, gaafii fayyadamtoonni yeroo baayyee toorarra galanii gaafatan kan deebisuu fi SEO cimaa horate ta’uu qaba.
2. Safartuuwwan gabaasaa fayyadamuu
Amala , fedhii hawaasaa, iddoo maamilli baay’inaan itti argamu adaan baafachuu, ija ummataa keessa seenuu, beeksisa mobaayilaa dalaguu fi kanneen kana fakkaataniif safartuu isin barbaachisa. Kanaafuu safartuuwwan kanneen kophaa kophaatti bifa gabaasaatiin lafa kaayachuun barbaachisaadha.
3. Daldala keessan google irratti galmeessaa
Gucni google irratti guuttan kun daldalli keessan kaartaa naannoo keessanii irratti akka galmaa’uuf kan isin fayyadu yommuu ta’u; namoota tajaajila keessan barbaachaaf deeskitooppiis ta’ee mobaayila harkaa fayyadamaniif mijataadha.
4. Viidiyoo ads haala gaariin qophaa’e fayyadamuu
Viidiyoon ads isin qopheessitan bilbiloota harkaa toora intarneetaa keessatti tajaajila kennan hundarratti ni dhufu. Isaanis weebsaayitiiwwan mobaayilaa, appilikeeshiniiwwanii fi miidiyaalee hawaasaa irratti argamu. Viidiyoon ads kun meeshaalee waraabbii qulqullina qabaniin waraabamee, giraafiksiin isaatis dizaayinii gaariidhaan qophaa’ee dalagamuu qaba.