Agarsiisni maaliif rashalaa’a? (why events fail?)

Agarsiisni (event) addunyaa irratti yeroo fi waqtii kamittuu, hamma kamiinuu qophaa’uu danda’a. Gaa’iilaa fi sagantaawwan maatii irraa kaasee hanga sirna kabaja ayyaana biyyoolessaatti taateewwan akkuma humna isaaniitiin qophii barbaaduun isaanii amanamaadha. Haa ta’’u malee adunyaa irratti agarsiisonni maallaqaa fi humnaan baasiin guddaan itti bahe, akka yaaddametti milkaa’’uu dhabuudhaan kisaaraa guddaadhaaf yoo saaxilaman irra deddeebiidhaan muldhata. Biyyuma keenyaa kana keessattuu sirnoonni kabaja ayyaanaa dhaabbatoonni waggaa 25, 50 fi 100ffaa ayyanteffachuuf baasiin guddaan itti bahee yoo fashalaa’an argineerra. “Garuu qophiiwwan akkanaa kunniin maliif nama jalaa fashalaa’u?” jennee; keessattuu haala qabatama Itoophiyaan keessa jirtu bu’uura godhachuun akka armaan gadiitti lafa keennee jirra.

1. Muxannoo Dhabuu ( Lack of Experience )

Qophiin agarsiisaa (event organizing) dogongoraa fi adeemsa dogongora sirreeffachuu (trial and error) keessa darbuun gara sagantaawwan gurguddoo qopheessuutti kan ce’’uudha. Dhaabbatoonni heedduun hubannoo dhabuurraa kan ka’’e, humnaa fi muxannoo dhaabbata tokkoo osoo addaan hin baafatin; nuuf dalagaa jedhanii affeerrii taasisu. Dhaabbatoonni fudhatanis qophii humnaa fi muuxannoo isaaniitiin ala ta’’e milkeessuuf hanga danda’’an tattaafatanis, sagantichi hanga eeggamee gadi jalaa ta’’a. Sababa kanaan sagantaan maallaqni guddaa itti dhangalaafame kun karaa hin eeggamneen jalaa fashalaa’a jechuudha.

Biyyoota alaa keessatti jechama beekkamaa “The red devils are in the detail” jedhu tokkotu jira. Gara afaan Oromoo yoo fidnu “icciitiin cimaan kan jiru irra keessoodha” hiika jedhu qaba. Agarsiisni maallaqni guddaan itti dhangalaafamee fi qophiin guddaan itti taasifame tokko wantoota yoo ilaalan xixiqqoo fakkaatanii milkaa’ina sagantichaatiif immoo murteessoo ta’an irranfatamuudhaan, sagantichi yoo fashalaa’u arguun haarawaa miti. Hojii tokko irra deddeebiidhaan hojjachuun muuxannoo gahaa kan nama gonfachiisu yoo ta’u, gufuuwwan xixiqqoo qulqullina sagantaa gadi buusan kanniin irrattis gadi fageenyaan akka qophaa’an taasisa.

2. Hanqina Meeshaalee fi Dhiyeessii (Logistics Problem)

Agarsiisni akkuma guddinaa fi xiqqeenya isaaniitiin, meeshaalee fi waltajjii isaan madaalu qopheessuufii barbaachisa. Biyya keenyatti egzibiishinii fi agarsiisa qopheessuuf waltajjii (stage), sirna ibsaa (light system), sirna sagalee (sound system), fi k.k.f  haala wal-hin madaalleen qopheessuun sagantaawwan namaa balleessuun baratamaadha. Kanaaf dhaabbanni tokko agarsiisa yookiin egzibiishinii qopheessuu yoo barbaade namoota hojjachiisuuf yaade sana qabxiiwwan armaan olitti tuqamaniin madaaluu qaba.

3. Haala Qilleensaa (Weather)

Haala hin yaaddamneen bokkaan tasa roobuu fi aduun humnaa ol ta’’e bahuun keessummoota sagantaa irratti affeeraman yoo jeequ irra deddeebiidhaan muldhata. Qopheessitoonni agarsiisaa saganticha hurufa baldhaa yookiin galma cufaa keessatti qopheessuuf murteessuun dura, carraa lammaffaa (plan-B) haala qilleensaa yaada keessa galche qopheeffachuun barbaachisaadha. Sababni isaas haala hin yaaddanmeen qilleensi tasa osoo jijjiramee hatattamaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuufi.

4. Gabaa fi Beeksisa Dadhabaa ( Poor promotion and Marketing )

Agarsiisni tokko qophaa’’uudhaan dura daawwattoonni isaa eenyu faa akka ta’’an addaan baafachuuf qorannaa adeemsisuu qaba. Itti aansuudhaan bakka daawwattootaa of kaa’uun (audience point of view) akkamitti yoo beeksise namoota ergaa dabarsuufii barbaade (target group) sana argadha jedhanii yaaduun hojii lammaffaadha. Kana erga addaan baafatanii booda beeksisa sadarkaa isaa eeggate TV fi Raaddiyoo irratti akkasumas miidiyaalee hawaasaa garagaraa, barjaalee, waraqaa balali’’aa fi karaa irratti beeksisuun ergaan qaama barbaadame bira gahuu isaa too’’achuu barbaachisa. Agarsiisni daawwattootaan ala homaayyuu miti, milkaa’’inni isaa immoo baay’’ina daawwattootaa fi haala isaanii irratti hundaa’’a. 

5. Sodaawwan Jiran Furuu ( Risk Management )

Taateewwan agarsiisa irratti nu mudatan keessaa wantoonni hin eeggamin nama mudachuun baratamaadha. Baay’’inni namaa hin eeggamne, balaawwan tasaa fi rakkoowwan fayyaa wajjiin wal-qabatan, akkasumas daawwattoonni  baay’ina teessoo qophaa’ee faana wal-madaaluu dhabuu fi rakkoowwan kana fakkaatan furuuf, namoota muxannoo agarsiisa qopheessuu qaban filachuun barbaachisaadha. Keessattuu agarsiisa gurguddaa dhiyeessuun yoo barbaaddame, namoonni agarsiisa kana akka isiniif dhiyeessan filattan rakkoowaan sodaadhaaf furmaata ta’an kanneniin madaaluun barbaachisaadha.

6. Humna Namaa (Man Power)

Yeroo agarsiisni qophaa’utti humni namaa xiqqaachuun wantoota sagantaa fashaleessan keessaa isa tokkoodha. Tokkoon tokkoo hojiiwwanii fi iddoowwan humna namaa barbaadan hundarratti, humni namaa gahaan ramadamuu qaba. Ta’uu baannaan hojiin namoota muraasarratti dhiibbaa taasisuun itti ulfaachaa deema. Dhiibbaawwan kunniin immoo walirratti tuulamaa deemuun qulqullina agarsiisaa gadi buusu jechuudha. Qaamni agarsiisa qopheessuu fi akka qopheeffamuuf barbaadan lameenuu sagataa qopheessuun dura humna namaa gahaa fi eeggattootas qopheeffachuu isaanii yaada keessa galchuu qabu.

Walumaagalatti dhaabbatoonni sagantaan akka qophaa’uufiif maallaqa isaanii dhangalaasuun dura qorannaa gahaa adeemsisuu qabu. Dabalataanis qaama qophii akkanaa irratti muxannoo qabuuf hojicha dabarsitanii kennuu yoo barbaadan, dursanii qabxiilee jahan (6) armaan olitti tuqamaniin madaaluun barbaachisaadha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top