Faayidaan Weebsaayitii gaarii qabaachuu maali?

Yeroo ammaa kana adunyaan harka keenyarratti kan argamtu yommuu ta’u, odeeffannoon immoo fixxee qubbiin keenyaa irratti argama. Kanaaf immoo ibsi biroo hin barbaachisu. Namootaan walqunnamuu fi odeeffannoo adda addaa wal-jijjiiruuf intarneetiin ga’uumsaa fi saffisa guddaa qaba.

Akkuma beekkamu namoonni hedduun irra-guddaa yeroo isaanii intarneeta irratti dabarsu. Sababni isaatis oomisha bitachuu, tajaajila argachuu, maxxansa adda addaa dubbisuu, bashannanuu fi kan kana fakkaatan fa’aafi.

Namoonni yeroo isaanii intarneeta irratti akka dabarsan hubachuun daldalli gara oonlaayiniitti dhufeera. Kanaaf immoo weebsaayitii madda odeeffannoo hawaasaa ta’e qabaachuun dirqama ta’a.

Daldalaan tokko weebsaayitii mataa isaa hin qabu taanaan, maamiltoota ciccimoo yeroo isaanii baay’inaan oonlaayinii irratti dabarsan hedduu dhabuu danda’a. Kanaafuu daldala isaa dachaa hedduun saffisiisuuf yoo barbaade faayidaa weebsaayitiin biiznasii irratti qabu beekuun dirqama itti ta’a.

weebsaayitiin daldala guddisuurratti  faayidaa qabaachuusaa qabxiileen armaan gadii sirriitti dhugoomsu.

        1.Yeroo Hundaa Toorarratti Argamuu

Namni hunduu iddoo barbaade taa’ee yeroo barbaadetti akka nu qunnamuu fi maamilli keenya yeroo hojiitiin alatti iddoo isaaf mijatu (mana isaa) taa’ee odeeffannoo barbaadu akka argatuuf fayyada.

         2. Maamila Deeggaruu

Maamila keenya karaa oonlayiniitiin deeggaruun salphaa fi maallaqas kan qusatu yommuu ta’u; yeroo gabaabaa keessatti karaa sirrii fi ifa ta’een odeeffannoo barbaachisaa dabarfachuuf fayyada. Maamiltoonni parsantaa 50% ol ta’an tajaajila barbaadan argachuun dura fuula intarneetii yookiin karaa hawaasni odeeffannoo ittiin wal-jijjiiru abuuru.

Fakkeenyaaf:- Oomishaa fi tajaajila waytaawaa kennitan beeksifachuu, taatee fuuldratti hojjachuuf yaaddan dursitanii gurra maamiltootaa buusuu fi k.k.f.

      3. Maqaa Gaarii fi Amanamummaa Qabaachuu

Akkuma duraan maamiltoonni dhaabbatoota daldalaa irraa teessoo fi lakkoofsa bilbilaa akka dirqamaatti ilaalan, dhaloonni ammaa immoo weebsaayitii dhuunfaa qabaachuu fi toora intarneetaa irra jiraachuu isaa arguu barbaada. Kunis amanamummaa maamilaa argachuuf bu’uura jalqabaati. Weebsaayitiin dhaabbata tokkoo miidhagaa fi haalli fayyadamiinsa isaa mijataa yoo ta’e,  maamiltoonni gara amanuutti galu.

        4. Weebsaayitii Cimaa Qabaachuu

Daldalaan tokko namoota weebsaayitii isaa fi dhaabbata biroo karaa toora intarneetiitiin abuuran irratti karaa adda addaatiin dhiibbaa taasisuu qaba. Fakkeenyaaf, daawwattoonni weebsaayitii  irratti wanta isaan hawwatu yoo arguu baatan salphumatti nuffii eegalu. Weebsaayitiin keessan sirrii fi haalli fayyadamiinsa isaa salphaa taanaan, maamiltoonni oomisha keessan itti fuffiinsaan fayyadamu.

        5. Daldalaa cimaa ta’uu

Weebsaayitii gargaaramuun yoo hojjattan, qaqqabiinsa oomisha keessanii guutuu adunyaa irratti gochuu cinaatti daldalli keessanis dachaa hedduun akka dabalu taasisa. Dabalataanis weebsaayitiin gufuuwwan naannoo keessa jiran hedduu bira kutuun, gurgurtaan oomisha keessanii haala gaariin akka babaldhatu taasisa.

          6. Galii Irraa Argachuuf

Weebsaayitii keessan guutuu adunyaa irratti hedduminaan kan daawwatamu yoo ta’e, galiin keessan yeroo gabaabaa keessatti samii tuqa. Dabalataanis weebsaayitii keessan irratti idoo duwwaa beeksifni dhaabbata birootiif irratti gadi lakkifamu (ads) jedhamtu hambisuunis galii cimaa fida.

           7. Of Beeksisuuf

Weebsaayitii keessan akka mana kuusaa, biiroo fi kutaa agarsiisaatti fayyadamuu ni dandeessu. Maallaqa xiqqaa fi yeroo gabaabaa keessatti gola hojii, teessoo fi oomisha keessan haala gaariin beeksifattanii kallattiin gara hojjaa akka seentan isin gargaara.

          8. Muxannoo Qabdan Agarsiisuuf

Weebsaayitiin dhaabbata tokkoo oomisha gurguruu fi tajaajila kennu qofa irratti daangeffamuu hin qabu. Muxannoo hojii isaatis hawaasaaf qooduun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf: dhaabbanni tokko tajaajila imalaa fi daawwii kan kennu yoo ta’e; sochii gareen daawwii tokko saa’aa billiittoo murate irraa kaasee hanga iddoo daawwii gahee deebi’uutti gaggeessuf; viidiyoo dalageefii weebsaayitii irratti gadi lakkisuu. Kunis amanamummaa dhaabbatichaa kan dabaluu fi maamiltoota haarawas kan fiduudha.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top