Promooshiniin maali ?

Promooshiniin maali ?

 

Piromooshiniin meeshaa daldalaa namoota bittaa fi gurgurtaa raawwatan walitti fiduuf fayyaduudha. Adeemsa qaamni gurgurtaa raawwatu oomishaa fi tajaajilli isaa akka iraa bitamuuf haawaasa ittiin amansiisuudha. Kunis waayee meeshaa, tajaajilaa fi dhaabbataa jechoota adaba qabaniin ergaa hawaasaaf dabarsuudhaan ta`a.

 

Promooshiniin akaakuuwwan armaan gadiitti qoodamee hojjatamuu danda`a.

 

  1. Qaama Birootiin Beeksisuu

Akaakuu beeksisaa oomishaa fi tajaajiloota  haarawa kennamaniif jechoota hawwatoo ummatatti darbachuu fi hubannoo kennuudhaan beekkamanuudha. Akaakuun beeksisaa kun qaama hojii piromooshinii irratti bobba’een sokondiiwwan muraasa keessatti ergaa hawaasa baldhaa biraan gahuuf fayyada. Ergaan kunis karaa Tv, raadiyoo, miidiyaalee hawaasaa, weebsaayitii, barreeffama gabaabaa fi kan kana fakkaataniin darbuu danda’a.

  1. Kallattiin Beeksifachuu

Akaakuu beeksisaa dhaabbanni kallattiidhumaan maamila isaa wajjiin wal-qunnamuudhaan waayee oomishaa fi tajaajila isaa ittiin hubachiisuudha. Fakkeenyaaf  karaa email, barreeffama gabaabaa, xalayaa beeksisaa, weebsaayitii, waraqaa balalii’aa fi kan kana fakkaataniidha.

  1. Ogeeyyii gurgurtaa fayyadamuun

Akaakuu Piromooshinii meeshaalee daldalaa hunda fayyadamuun  qaamaan argamee maamila wajjiin walii galee gurgurtaa guddisuudha. Fedhii maamiltootaa ol guddisuuf jecha qorannaa gabaa gaggeessuun, fedhii gabaa addaan baasanii oomisha ykn tajaajila kennuun gahee akaakuu daldala kanaati.

  1. Ofiin of beeksisuu

Akaakuu beeksisaa intarpiraayizoonni oomishaa fi bu’aa hojii isaanii kallattiidhaan hawaasaaf erguudhaan tajaajila kennaniidha. Kun immoo maamiltootarraa amanamummaa fi duubdeebii gaarii akka argataniif isaan fayyada.

  1. Haariiroo Hawaasaa

Akaakuu beeksisaa dhaabbani dhuunfaa (NGO) sochiiwwan bu’uuraalee misoomaa garagaraa ummataaf dalaguun, hariiroo cimaa hawaasa wajjiin horachuu isaatiin hawaasa biratti fudhatama gaarii ittiin argatuudha. Hariiroo cimaan dhaabbatoonni dhuunfaa hawaasa wajjiin qaban itti fufiinsa isaaniitiif faayidaa guddaa qaba

  1. Beeksisa Toorarraa ( online promotion )

Beeksisa guyyaa guyyaan maallaqni itti bahu dabalatee, akaakuuwwan beeksisaa hundaa kan of keessatti qabateedha.

Qabxiilee ijoo akaakuu beeksisa kanaa akka armaan gadiitti lafa gooneerra:-

  •  Wanta dalagamu kallattiidhumaan xalayaa fi email dhaan erguun ni danda’ama
  • Daldala hundaa of jalatti hammachuun maamiltootaaf hubannoo kennuudhaan ofitti hawwata.
  • Yeroo gabaabaa qofaaf hojiirra ooluudhaan gabaa irratti jijjiirama guddaa kan fiduudha.
  • Akaakuuwwan daldalaa kaawwan caalaa humnaa fi diinagdee kan qusatuudha
  • Yeroo gabaabaa keessatti hawaasarratti dhiibbaa gochuun maamiltoota hedduu kan namaaf fiduudha.
  • Biiznasiiwwan xiqqeenyaa fi akaakuu isaaniitiin osoo hin daandegessin  hundaafuu   mijataa ta’eedha.

Isin hoo akaakuuwwan beeksisaa olitti tarreefaman keessaa isa kam filattu?

Walumaa galatti haala yeroo ammaa keessa jirru wajjiin wal qabatee daldalaa fi beeksifnis gara toora intarneetaa dhufeera. Kanaafuu piromooshiniin toora intarneetaatiin taasifamu diinagdee keenya qusachuu maddiitti akaakuuwwan daldalaa hundaafuu mijataadha.

 

 

 

 

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top