company profile in Ethiopia

Seenaan Dhaabbataa (company profile) sadarkaa eeggate maaliif barbaachisa?

Seenaan Dhaabbataa (company profile) sadarkaa eeggate maaliif  barbaachisa?

Seenaa dhaabbataa (company profile):- jechuun kan dhaabbanni keessan haala sadarkaa isaa eeggateen ittiin of beeksisuudha. Dhaabbatichi yoom akka hundeeffame, maaliif akka hundeeffame, kaayyoo, muldhata, galma, tarsiimoowan isaa, akkasumas qulqullina oomishaa fi tajaajila kennu, badhaasaa fi waraqaawwan ragaa argate, aangawoota hooggansarra jiranii fi kan kana fakkaatan bareechee kan ittiin ibsatuudha. Seenaan dhaabbata keessanii qabxiiwwan armaan olii of keessatti hammatee yoo dalagame maamila (prospected customer) akka gara keessan dhufu yaaddaniif haal-dureewwan mijataa uumtan jechuudha. Namoonni dhaabbata keessan wajjiin yoo hojjatan bu’aa akkamii akka argatan daddafatti hubatanii osoo yeroo hin gubin gara hojiitti akka galaniif fayyada.

Namoonni isin wajjiin dalaguuf keeyyeffattanis taee inveestaroonni dhaabbatoota affeeruun dura waayee dhaabbata wajjiin hojjatanii qorannoo gahaa gaggeessu. Qorannoo kana gaggeessudhaaf dursa kan gaafatan seenaa dhaabbatichaa (company profile) waan ta’eef, seenaan dhaabbatichaa xiyyeeffannaan guddaan ittii kennamee of-eeggannoo fi qulqullinaan qophaa’uu qaba.

 

Seenaa dhaabbataa (company profile) sadarkaa isaa eeggate qopheessuuf qabxiilee armaan gadii hordofuun murteessaadha.

1. Seenaa dhaabbataa akka meeshaa daldalaatti fayyadamuu

Dhaabbata keessaniif seenaa (company profile) sadarkaa isaa eeggate yoo qopheessitan waltajjii gabaarratti ittiin of beeksiftan tolaan argattan jechuudha. Seenaa dhaabbata keessanii qulqullinaan erga qopheessitanii booda, karaa gabaabaa yeroon isiniif mijeesseen (maxxansaawwanii fi miidiyaalee dijitaalatiin) eenyummaa fi maalummaa dhaabbata keessanii qaama barbaaddaniif beeksifachuu ni dandeessu. Kun immoo dhaabbata keessan beeksisuu qofaaf osoo hin taane, dhaabbatoota biroo kan isin wajjiin hojjachuuf fedhii qabaniifis odeeffannoo barbaachisaa bakka tokkotti akka argatan taasisa.

2. Carraa beekkamtii ittiin argamu uumuu

Dhaabbanni keessan seenaa haalaan qindaa’ee fi sadarkaa isaa eeggate yoo qabaate, kan dorgomtoota birootii olitti filatamuun isaa shakkii hin qabu. Kaayyoo fi ergamni dhaabbata keessanii, milkiiwwanii fi badhaasni kanaan dura gonfattan ragaadhaan deeggaramee ifa yoo ta’e, manni hojii keessan amanamummaa fi qulqullina hojiitiif dursa kennuu isaa hojii kanaan dura hojjattaniin yoo mirkaneessitan, dorgomtoota keessan caaltanii filatamuu maaltu isin dhoowwa?

  3. Biraandii dhaabbata guddisuu

Biraandiin dhaabbata tokkoo akka laayyootti hin guddatu. Biraandiin qulqullina oomishaaf tajaajilaa, beeksisaa, halluu, seenaa, milkii, naamusa hojii fi qabxiilee kana fakkaataniin madaalama. Meshaalee biraandii guddisuuf gargaaran keessaa seenaan dhaabbataa (company profile) adda dureedha. Dhaabbanni keessan yoo dagaage maamiltoota keessan tursiisuu qofa osoo hin taane, dhaabbatoonni birootis waahilummaadhaan isin wajjiin hojjachuuf fedhii akka horatan taasisa. Amantaan maamiltoonni dhaabbata keessanirraa qaban guddina dhaabbata keessaniitiif murteessaadha. Isinis amantaa kanaan oomishaa fi tajaajila qulqullina qabu dhiyeessuun amanamummaa fi seenaa dhaabbata keessanii cimsuu ni dandeessu.

     4. Akka fooddaatti oomishaatti

Seenaan dhaabbataa (company profile) kalaqni itti dabalamee haala sadarkaa isaa eeggateen qophaa’e akka fooddaa oomishatti gargaaruu danda’a. Dorgomtoota keessan caaltanii argamuuf oomishaa fi tajaajila kennitan maamiltoota giddu-galeeffachuun seenaa dhaabbataa (company profile) onnee namaa keessa seenu yoo qopheessitan, salphumatti gabaa naannicha keessa jiru adda durummaadhaan qabattu jechuudha.

  5. Filatamaa ta’uu

Seenaan dhaabbataa dhuunfaa isaattis akka “CV” hojiitti fayyaduu danda’a. Jaarmiyaaleen hojii dhaabbata keessaniin wal fakkaatu irratti bobba’an qacarrii raawwachuu yoo barbaadan, dursanii seenaa dhaabbatootaa (company profile) gabaa irra jiru waan daawwataniif, seenaa sadarkaa isaa eeggate (Professional ta’e) qopheesuun hojichaaf filatamaa isa taasisuu danda’a.  

Seenaan dhaabbataa (company profile) akkuma dhaabbatootaaf gahee guddaa gumaachu; bareechanii qopheessuufis qo’annaa cimaa barbaada. Seenaan kun barreeffamaan, Viidiyoo fi karaa birootiinis qophaauu ni dandaa. Erga qophaa’ee booda immoo qaama garagaraatiin waan daawwatamuuf xiyyeeffannaan guddaan itti kennamee qabxiiwwan armaan olitti kaafne yaada keessa galchuun dalagamuu qaba.

 Walumaagalatti dhaabbanni keenya Wafa Marketing and promotion seenaa dhaabbatootaa (company profile) hojjachuun muxaannoo waggaa dheeraa waan qabuuf, tajaajila gorsaa bilisaan isiniif kennuu irraa kaasee hanga isin wajjiin hojjachuutti isin duukaa jiraachuu cimsinee isin beeksifna.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Scroll to Top